• Fri. Jan 9th, 2026

Ergamtoonni Bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti qonnaan bulaa tokko irratti saamicha raawwachuun mana jalaa yoo barbadeessan, Aanaa Waayyuu Tuqaa irraa immoo dargaggoo tokko irratti reebicha raawwatan

Jun 7, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025 

Lukkeeleen PP afaan qofaan nagaa labsaa faallaa isaa immoo gara jabina guddaan hawaasa meesha maleessatti afaan qawwee garagalfachuun saamichaa hanga ajjeechaatti hawaasa Oromoo garmalee miidhaa jiru.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Biqilaa bakka addaa Maqa jedhamu irraa torban darbe keessa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Malkaamuu Daggafaa jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee hunda waliin jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Qonnaan bulaan kun badii qabaateef osoo hin taane, sababa Oromummaa isaa qofaaf manaa fi meeshaalee mana keessaa erga jalaa barbadeessanii booda;

  • midhaan kuntaala 4, 
  • buna qunnaa 3 fi 
  • damma kiilogiraama 30 saamanii deemuun ibsamee jira.

Oduu biraatiin, godinuma kana aanaa Waayyuu Tuqaa keessaa loltoonni Bilxiginnaa maqaa sobaa hawaasni keessa hin jirre itti maxxansuun dararaa ulfaataa raawwachaa oolan ganda Angaroo jedhamu irraa torban darbe keessa dargaggoo maqaan isaa Kifilee Tafarii jedhamu irratti reebicha hamaa raawwatanii deemuu namoonni ijaan argan ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading