• Tue. Jan 6th, 2026

Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko WBO’tti harka kennate

Jun 14, 2025

ONM-ABO Waxabajji 14, 2025 

Waxabajjii 13, 2025 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Gorobaa Gololchaa irraa miseensi waraana impaayerattii tokko hidhannoo guutuun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kan kennate oggaa ta’u, gama meeshaatiinis qawwee AKM 1, hidhannoo 1 fi rasaasa hedduu qabachuun nagaan WBO cina ga’ee jiraachuu WBO’n onicha keessa socho’u ONM’tti himee jira.

Loltuun sirnichaa duraanii kunis, simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduu himuun hubannoo malee alagaaf qawwee baachaa turuu isaaf saba isaa dhiifama gaafachuun, ilmaan Oromoo mooraa PP keessatti hafanii jiraniinis, saba keessanitti dhukaasuu dhiisaatii osoo yeroon jirtuu WBO’tti makamaa uummata keessaniif dhukaasaa jechuun dhaaameefii jira.

Koloneel Abiy Ahemed bututtuu impaayera Itiyoophiyaa dhiiga uummata nagaa dhangalaasaa ooltu ittiin tiksuuf ilmaan hiyyeessaa dirqii fi goyyomsaan guuree dirree lolaatti erguun soora rasaasaa gochaa kan jiru ta’us garuu kanneen diinummaa sirnichaa hubatan mooraa sirnichaa onsuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading