• Tue. Mar 31st, 2026

Haleellaa diroonii Israa’el Tehran keessatti raawwatte saayintistii niwukilaraa irratti xiyyeeffachuun yoo gabaafamu, tarkaanfii haaloo ba’uu Iraaniin hanga ammaatti lammiileen Israa’el 25 ajjeefamuun himame

Jun 21, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025 

Tarkaanfii diroonii Israa’el Jimaata kaleessaa Teehiraan keessatti raawwatte xiyyeeffannoon isaa saayintistii niwukilaraa ta’uu Yediyot Ayronot gabaaseera.

Gabaasni kanaan Israa’el haleellaa kana keessatti saayintistoonni kun milkaa’inaan akka dhabamsiiste tilmaamteetti.

Miidiyaaleen kutaa Iraan, TV preesii dabalatee, gamoon mana jireenyaa magaalaa guddoo Iraan keessatti Jimaata diroonii Israa’eliin rukutamuu mirkaneessaniiru.

Eenyummaa nama dhuunfaa irratti xiyyeeffatame seeraan hin ibsamne, aangawoota Iraan irraas yaadni battalaa hin kannamne.

Jimaata kaleessaa Israa’el bakka waraanaa fi niwukilaraa dabalatee bakkeewwan hedduu guutuu Iraan irratti haleellaa qilleensaa jalqabdeetti kan ka’e yoo ta’u, kunis Iraan haleellaa haaloo ba’uu akka jalqabdu taasiseera.

Aangawoonni Israa’el akka jedhanitti, ergasii haleellaa misaa’ela Iraaniin yoo xiqqaate namoonni 25 yoo du’an, dhibbaan kan lakkaa’aman ammoo madaa’aniiru.

Gama biraatiin Iraan keessatti haleellaa Israa’el kanaan namoonni 639 ajjeefamaniiru, 1,300 ol ammoo madaa’aniiru jedha gabaasni miidiyaalee Iraan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading