• Thu. Mar 19th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan 

Jun 23, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025 

Waxabajjii 21, 2025 hidhattoonni Bilxiginnaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratoo irraa sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii lukkeelee diinaa irratti fudhachuun tika waraanaa mooraa Guddattuu Gannatii booji’eef jecha hawaasa nagaa ukkaamsuun hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Namootni yakka tokko malee qabamanii hidhaman maqaan isaanii: 

  1. Obbo Duulaa Toluu
  2. Obbo Jambaree ilma keetu bosona jira jechuun kan qabame,
  3. Mooneenus Dachaasaa ogeessa fayyaa magaalichaa  fi
  4. Obbo Gizawuu ilma keetu bosona keessa jira 

jechuun badii raawwatan osoo hin qabaatin gaaffii seeraa tokko malee ukkaamfamanii hidhaatti guuramuu maddeen ONM’f ibsaniiru. 

Akka maddeen naannichaa ONM’f eeranitti namoonni kunneen hojii idilee dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun jireenya isaanii geggeeffachuun alatti tuttuqaa siyaasaa kam irraayyuu bilisa ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa kanneen maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhu dawoo godhachuun hawaasa nagaa dararuu aadeffatan ammoo qaama dirree irraa isaan lolu golatti dheessuun maqaa maatii qabsaa’otaa jedhuun uummata nagaa hiraarsaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading