• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Gammachiis irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “qawwee binna” jedhuun hawaasa saamaa jiraachuun himame

Jul 24, 2025

ONM-ABO Adoolessa 24, 2025 

Aanaa Gammachiis araddaa Gola Buubaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa isaanitti tole da’eeffaachuun garaa isaanii guuttachuu qofa irratti xiyyeeffatan, “akka gandaatti qawwee binna” jechuun nama tokko irraa qarshii 1000 afaan qawwee itti garagalfachuun humnaan saamaa kan jiranii fi kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Araddaa kana malees, aanichuma guutummaa keessatti jala deemtonni abbaa irree Abiy Ahimed bifuma walfakkaatuun maqaa adda addaa dhahachuun hawaasa qaala’insa jireenyaan miidhamaa jireenya harkaa gara afaanii jiraatu humnaa fi afaan qawweetti fayyadamuun saamicha ulfaataa raawwachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Loltoonni sirnicha utubuuf halkaniif guyyaa dhama’an dinagdeen impaayerattii kufuu hoggaa baran, dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuuf sababoota garaa garaa wabeeffachuun qabeenya uummata nagaa yeroo yeroon saamuu cimsanii itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading