• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti saamichi loltoota PP’n jiraattota irratti raawwatame

Jul 30, 2025

ONM-ABO Adoolessa 30, 2025 

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa keessaa lukkeeleen PP maqaa “waajjira gandaa ijaarra” jedhuun hawaasa doorsisanii baargamoo hawaasaa akka barbaadan itti nam’anii jalaa muruun waajjira gandaa ijaaraa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Lukkeeleen kunneen, saamicha hawaasa irratti raawwatan heddummeessuun, qonnaan bultoota maqaan isaanii: 

  1. Abdii Diimaa fi 
  2. Kaliif Ahimad Muusaa 

jedhaman jalaa baargamoo lakkoofsaan hedduu ta’an gaaffii tokko malee qabeenyi kee Bilxiginnaa nuuf hin caalu jechuun jalaa muranii ittiin waajjira gandaa ijaaruu himaniiru.

Gareen akka fedhetti socho’uu fi waan fedhe uummata irratti raawwachaa jiru Bilxiginnaan aanaa Cawwaaqaa keessatti badii tokko malee uummata maqaa siyaasaan hidhaa fi ajjeesaa akkasumas qabeenyaa isaanii saamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading