ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Dhaabbanni industirii siviil aviyeeshinii Dejen (DAVI) godina Baha Shaggar magaalaa Bishooftuutti kan argamu hojii suphaa xiyyaara waraanaa fi siivilootaa hedduu hojii oogummaa geggeesssa.
Hojjettootni achi keessaa ogummaa isaaniin hojii suphiinsaa kan hojjetan ta’an illee achi keessatti humnoonni murna Bilxiginnaa ilmaan Oromoo siyaasa irraa walaba ta’an irratti hacuuccaa geggeessaa waan jiraniif hojicha gadi lakkisaa akka jiran, maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Haaluma kanaan humnoonni Bilxiginnaa gochoota dabaa seeraan ala ta’an kanneen akka carraa guddinaa argachuu qaban ugguruu, carraa barnootaa biyya keessaa fi alatti argachuu qaban ittifamuu, gaaffii mirgaa kan ogummaa isaanii ilaallatu gaafachuuf bulchiinsi waraanaa afaan luugamuu fi afaan Oromoo achi keessattillee akka hin dubbatamne gochaa jiraachuun irra ga’amee jira.
Murni Bilxiginnaa kun carraa hojjettoota industirii siviil Aviyeeshinii cufuuf waraqaa eenyummaa miseensota waraanaa yeroodhaaf gara siiviliitti jijjiiruun siiviloota carraa hojii dhabsiisee dabarsee waraanaaf laachuun, jibbiinsa siivilotaaf qaban ifatti mul’isaa jiraachuu namoonni maqaan isaanii akka tuqamu hin feene ibsanii jiru.
Walumaa galatti, siiviloonni kunniin cunqursaa abbaa irree murna Bilxiginnaan miidhaa qorqalbii, diinagdee fi hawaasummaa irra ga’aa jiruun qaala’iinsa jireenyaan dorgomuu dadhabuu isaanii kan ibsan yoo ta’u, haala kana caalaatti kan hammeesse immoo hogganaa industirichaa kan ta’e koloneel Masarat akka ta’e maddeen dabaluun eeraniiru.

