• Wed. Mar 25th, 2026

Waraanni Hindii dhukaasa Paakistaan dhukaasuun erga gabaafamee booda dhukaasa dhaabuu akka hin cabsine ibse

Aug 6, 2025

ONM-ABO Hagayya 6, 2025  

Waraanni Hindii Kibxata kaleessaa sarara to’annoo (LoC) kan Kaashimiir Hindiin to’attee fi Paakistaan to’attu addaan baasu irratti erga miidiyaaleen Hindii tokko tokko Islaamaabaad dhukaasa banuun araara cabsitee jirti jedhanii gabaasaniin booda waanti dhukaasa dhaabuu cabse hin jiru jedhe.

”Naannoo Poonch keessatti dhukaasa dhaabuu cabsuu ilaalchisee sabaahimaaleen fi miidiyaaleen hawaasaa tokko tokko gabaasanii turan. Sarara To’annoo irratti sarbamni dhukaasa dhaabuu  mul’ate akka hin jirre ifa ta’eera,” jedheera waraanni.  

Waraanni Paakistaan sa’aatii idileetiin alatti gaaffii yaada kennuudhaaf dhiyaateef deebii hin kennine jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading