• Fri. Mar 13th, 2026

Gujii Lixaatti hidhaa fi ajjeechaan murna Bilxiginnaan uummata nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufuun dhaga’ame

Sep 6, 2025

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Loltoonni faashistii PP kanneen garaa fi impaayera jigde suphuuf ifaajan Kibba Oromiyaa godina Gujii Lixaa aanaalee garaa garaa keessatti hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa uummata nagaa irratti raawwatan daran jabaassuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Lolaan WBO injifachuu wayita dadhaban uummata harka duwwaatti deebi’uun qabeenya barbadeessuu fi nama nagaa ajjeesuu akka injifannootti kan ilaalan goolessitoonni waraana Bilxiginnaa Fulbaana 3, 2025 godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Makkalaa hidha Kormaa iddoo addaa Gaara Calalaqaa jedhamutti sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo loltoota sirnichaa kanneen saamichaaf bobbaate uummata isaa irraa adabeef, isintu nutti waame jechuun dargaggoo Bunoo Galgaloo Diimaa fi kanneen maqaan nu hin ga’in namoota nagaa sadii badii tokko malee gara jabeeyyiin loltoota sirnichaa ajjeesanii deemuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading