• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuu fi reebuu cimsanii itti fufan

Sep 17, 2025

ONM-ABO Fulbaana 17, 2025 

Jala deemtonni Bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii irraa itti kenname ba’anii gammachiisuu fi dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf yeroo gara yerootti gibira da’oo godhachuun hawaasa saamuuf jecha hiraarsaa ulfaataa raawwatan itti fufuun, aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo irraa Fulbaana 14, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Abdii Kaliif,
  2. Obbo Adam Jibiril,
  3. Obbo Yuusuf Ahimad,
  4. Obbo Mahaammad Umar,
  5. Obbo Abdurahmaan Jamaalii fi 

kanneen biroo baay’inaan 100 ol ta’an hidhaatti darbachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Qonnaan bultoonni kunneen badii balleessanii fi siyaasa keessatti hirmaatan kan hin qabne yoo ta’an, maqaa ”gibira yeroon kaffaluu diddan” jedhuun kan hidhaman ta’uu fi hanga gibira kaffalanitti mana hidhaa irraa ba’uu akka hin dandeenye doorsisifamaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Araddaadhuma kana irraa, Fulbaana 13, 2025 lukkeeleen umurii sirnichaa dheeressuuf wixxifatan qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Aanaa Muktaar jedhamu ”milishaa keenya reebde” jechuun garmalee reebichaan qaama laalessuun, yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu yoo ta’u, akkuma aanichaatti dararaan hawaasa irratti raawwatamu jabaatee jiraachuu gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading