• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaatti shiftootni Affaar jaarsa biyyaa tokko haala suukkanneessaan ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Sep 18, 2025

ONM-ABO Fulbaana 18, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa gammoojjii aanichaa iddoo uummanni loon itti bobbaafatutti shiftoonni Affaar kan hawaasa aanichaa yeroo irraa gara yerootti riphanii itti ba’uun ajjeesaa fi saamaa turanii fi jiran, Fulbaana 17, 2025 namoota loon tikfachaa turan riphanii itti ba’uun dhukaasa irratti bananiin jaarsa biyyaa jiraataa ganda Baalcii kan ta’e, nama maqaan isaa Hasan Usee Umaree jedhamu haala suukkanneessaan ajjeesanii reeffa isaa bakkeetti gatanii deemuun ifoomeera.

Akka jiraataan ganda Baalcii tokko jedhutti, shiftoonni Affaar kun aanichatti caasaalee Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran mara waliin walii galuun, yeroo barbaadanitti namoota nagaa ajjeesuu fi qabeenyaa hawaasichaa saamuun gara naannoo isaanii Affaaritti galfachaa jiraachuu himuun, uummanni Oromoo ammoo yoo shiftoota Affaar isa ajjeesaa jiru ofirraa lole caasaaleen PP kun jeequmsa uumtan, uummata Affaar nagaa jaallatu ofitti kaaftan, uummanni Affaar tuqamuu hin qabu jedhanii dheekkamu jechuun yoo ofirraa qolachuuf jedhanis akka doorsifamaa jiran ibsa.

Jiraataan aanichaa kan biroon tokko ammoo akka yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodetti, nuti akka aanaa Jiille Dhummuuggaa qofaa osoo hin taane akkuma godina Walloo bakkeewwan garaa garaatti qaamota sadiin ajjeefamaa, saamamaa fi buqqifamaa jirra: 

  • 1’ffaa murni impaayerattiin geggeessa ofiin jedhu Bilxiginnaan loltoota isaa nutti bobbaasee maqaa maatii qabsaa’otaa fi sabboontota jedhuun duguuggaa sanyii nu irratti raawwachaa jira, 
  • 2’ffaa hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo ofiin hidhachiiseen nu weerarsiisaa jira, 
  • 3’ffaan ammoo garee hattootaa fi shiftootaa hidhattoota Affaar gurmuun ijaaree akka isaan Oromoota Walloo ajjeesan, qabeenyaa hawaasaa saamanii fi barbadeessan taasisaa kan jiru mataa Bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimedi. 

Nuti garuu wiirtuu diinaa gidduu jiraannus garee PP’n olii fi gadiin ijaaree nu irratti bobbaaseef hin jilbeenfanne, sichis hin jilbeenfannu jechuun dabaluun dubbateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading