• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti bulchitoota Bilxiginnaa fi milishoota isaaniin saamichi hammaataan jiraattota onichaa irratti raawwatamaa jiraachuun beekame

Sep 21, 2025

ONM-ABO Fulbaana 21, 2025 

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti bulchitoonni PP wayita namoonni gaala, loon re’ee fi hoolaa gurgurachuuf gabaa baafatan hanga isaan gurguratan jala deemanii ilaaluun yeroo isaan gurguratan ammoo kaffaltii gosa tokkoo osoo maqaa itti hin dha’in callisanii “waan amma gurguratte qixxee nuuf kaffali” ni didda yoo ta’e ammoo lubbuu kee dhabda, ni hidhamtaa fi reebamta ittiin jechuun jiraattota afaan qawwee itti qabanii saamaa jiraachuun himame.

Bifuma kanaanis aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicootti bulchaan murna PP ganda Tarree Awwaaraa namni maqaan isaa Goda Maloo jedhamu milishoota isaa of jala hiriirsee kan hawaasa onichaa irratti gochoota hammeenyaa adda addaa raawwachaa jiru, guyyaa kamisaa gabaa magaalichaa waan ta’eef yeroo namoonni loon isaanii gabaa baasuun gurguratan ammoo fidaa qixxee nuuf kaffalaa ittiin jechuun qarshii 20,000-30,000 dirqiin harkaa saamaa turuu  jiraattotni dabaluun dubbatan. 

Jiraataan magaalaa Qiciicoo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko akka himutti, qaala’iinsa jireenyaa ulfaate kanaan hawaasni keenya rakkoo hamaa keessa jira, saamichi bulchaan Bilxiginnaa kun Fulbaana 18, 2025 namoota irratti raawwachaa ture kan jireenya irraa abdii nu murachiiseedha, akka fakkeenyaatti wantan ija koon arge yoon kaasu guyyaa kamisaa kana shamarreen maqaan ishee Immeetuu Ahimed jedhamtu re’ee lama gabaa baafattee 40,000’tti yeroo gurgurattu bulchaan sirnichaa kun  qarshii 20,000 dirqiin osoo ishiin boossuu harkaa fudhate, ishee malees guyyuma sana namoota hedduu irratti saamicha ulfaataa geggeessaa turan, sababa saamicha kanaafis jiraattotni nuti haala kanaan saamamuu irra asiin booda gabaa isaaniif dhiifne jedhanii dubbachaa turuu ibsa.

Guyyuma sana ammoo milishoonni murna faashistii PP maqaa sakattaa jedhuun seensa magaalaa Qiciicoo iddoo Hara jedhamu taa’anii namoota cilee gubuun gabaa baafatan qaraxa jechuun kuntaala tokkoof qarshii 50-100 harkaa fudhachaa turuu fi namoota gabaa irraa galanis wantoota isaan bitatanii galan ni sakattaana, waan isin bittanii galaa jirtan maaltu beeka? tarii WBO’n isin ergachuu danda’a jedhanii malaan mi’a gabaa jiraattotni bitatanii galan saamaa turuu isaanii namoonni saamichi kun irratti raawwatame Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading