• Fri. Mar 27th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti, waraanni maafiyaan PP gudeeddaa, reebichaa fi humnaan namoota mooraa waraanaatti erguu jabeessuun barame

Sep 22, 2025

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Oromiyaan dirree jeequmsaa, bakka boo’ichaa fi wawwaannaa erga taatee kan bubbulte ta’us, tibbana ammoo yeroo walfakkaataatti rakkoowwan jajjaboon uummata baadiyyaa keessa jiraatu dabalatee kanneen bobaa diinaa jala jiran irratti hammaachuu odeessaaleen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabaa jiru kan mul’isu yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireettis loltoota murna Bilxiginnaa kanneen maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun qe’ee uummataatti bobba’aa jiraniin yakkawwan hammaataan raawwachaa akka jiru jiraattonni dubbatu.

Keessattuu gudeeddii haawwanii fi shamarran lafaa dhufoo irratti gandoota akka Burqaa Xaaloo, ganda Damee Ceekaa fi kanneen biroo irratti raawwatamaa jiruun miidhaa ulfaataan qaqqabaa kan jiru yoo ta’u, qaamoleen yakkoota kana raawwatanis poolisii idilee, humnoota milishaa fi raayyaa ittisa impaayerattii ta’uus jiraattonni dubbatu.

Kana malees dubartoota abbaa warraa hin qabne dirqiin fuudhaa kan jiran yoo ta’u, namoonni fedhii heerumaa hin qabnes ijoollee isaanii irraa gara mooraa waraanaatti galanii akka jiraatan taasifamaa akka jiranis itti dabaluun ibsaniiru.

Dabalataanis dargaggoota abdii biyyaa ta’an gandoota keessa deemuun dirqiin qabanii mooraa waraanaatti geessaa kan jiran yoo ta’u, namoonni mormii agarsiisanis reebicha jabaan irratti raawwachaa akka jiran ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading