• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti ergamtoonni PP uummanni buna akka hin gurguranne dhorkaa jiraachuun himame

Nov 1, 2025

ONM-ABO Sadaasa 1, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa guutummaa keessatti akka uummanni buna dhuunfaa isaa oomishachaa jiru gara magaalaa baasee akka hin gurguranne ugguranii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, jiraattonni aanichaa guutummaan oomisha bunaa irratti bobba’uudhaan jireenya isaanii kan geggeeffatanii fi waqtiin ammaa kunis yeroo itti bunni funaanamaa jiru yoo ta’u, hawaasni buna funaannatee jiidhaasaa magaalaatti baasee akka hin gurguranneef hidhattoonni PP ugguranii jiraachuu fi namoota buna kana gurgurachuuf gara magaalaa geeffatan yoo argan ammoo daandii gubbaa dhaabbachuun harkaa saamaa jiraachuu dubbatu.

Akka maddeen aanichaa ONM dubbise tokko himanittis, wayita uummanni “maaliif qabeenyuma keenya akka hin gurguranneef nu uggurtu? gibira mootummaas yoo ta’e kaffalaa jirrawoo” jedhanii gaafatanitti deebiin lukkeelee sirnichaa “hanga bunni isin funaannattan gogee baay’inni isaa adda ba’utti, gurgurachuu hin dandeessan” kan jedhu akka ta’ee fi sababni haga oomisha bunaa nuti arganne adda ba’uun barbaachiseef nuuf hin galle” jechuun himaniiru.

Murni saamichaa fi hanna qofaarratti bobba’anii jiran ergamtoonni koloneel Abiy Ahimad, kanaan dura tokkoo-tokkoo hundee bunaa fi biqilaa gad dhaabbatu kamitti tilmaamuun maqaa gibiraatiin saamicha humnaa olii hawaasa irratti geggeessaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo oomisha callaatti tilmaamuun maqaa gibiraan irraa deebiin saamicha raawwachuuf karoorfatanii jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading