• Wed. Mar 18th, 2026

Meeksikootti dhohiinsi dukkaana gurguddaa irratti raawwate yoo xiqqaate namoota 23 galaafate

Nov 2, 2025

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Kaaba Meksikootti Sanbata kaleessaa dhoohinsi dukkaana gurguddaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 23 darbuu fi 11 madaa’uu qondaaltonni biyya keessaa himan.

Bulchaan bulchiinsa Sonora Alfonso Durazo ergaa viidiyoo yeroo lakkoofsi namoota lubbuun darban beeksisan, ”Kan nama gaddisiisu miidhamtoonni nuti arganne hedduun isaanii daa’imman umriin isaanii hin geenye turan,” jedhan.

Durazoon akka jedhanitti namoonni lubbuun hafan hospitaalota magaalaa Hermosillo bakka dhohinsi kun itti raawwatame keessatti yaalamaa turan.

“Sababni taatee kanaa adda baasuu fi namoota itti gaafatamummaa fudhatan adda baasuuf qorannoo bal’aa fi iftoomina qabu akka gaggeeffamu ajajeera,” jedhan.

Dhohinsi kun kan mudate mana daldalaa Waldo’s giddugala magaalattii keessatti.

Angawoonni nageenya hawaasaa naannoo “haleellaa” ykn “taatee gocha jeequmsaa waliin walqabatu” namoota nagaa irratti raawwatamu hambisan.

Pirezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaam X irratti gadda itti dhaga’ame ”maatii fi jaalalleewwan namoota du’aniif” iibsiteetti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading