ONM-ABO Sadaasa 12, 2025
Godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Argaddaa Shaaaldoo iddoo addaa Korommii jedhamu keessatti Sadaasa 8, 2025 sirna dhableyyiin ergamtoota Bilxiginnaa maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun hawaasatti bobbaafamuun jiraattota hedduu irratti hameenya isaanii baratamaan manneen jireenyaa ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota manneen jireenyaa jalaa gubate keessaa muraasni maqaa arganne:
- Obbo Ganamoo Shibbiru,
- Obbo Guddatoo Amboo,
- Midhagsoo Geendoo,
- Gammadoo Waaqoo,
- Guutoo Ganamoo,
- Quufaa Amboo,
- Gammachuu Guutamaa,
- Daaluu Abbiyyuu,
- Xiifoo Busuullee,
- Fakkaanaa Busuullee fi
- Uushaa Ukkee
kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneen sababa Oromummaa isaaniitin alaa badii seeraa raawwatan kan hin qabne ta’uu fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamuu keessatti kan hin argamne akka ta’an jiraattonii gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.
Akka jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanitti namoonni manneen jalaa gubate kunneen yeroo ammaa kana mukkeen jalatti baqatanii daa’imman isaanii sababa qorraa fi roobaatiin dhibee garaagaraaf saaxilamaa jiraachuu fi midhaan nyaatan illee ibiddaan jalaa gubatee mancaafamuu fi rakkoo beelaa hamaa keessa jiraachuus ifoomsaniiru.
Abiy Ahimed bulchiinsi isaa fudhatama dhabuu isaa erga ofirratti baree booda hololaa fi faarse bultoota garaa isaaniitti nyaatanii buluu qofaaf jiraatan kan yeroon waan hin dabarre itti fakkaatu ijaaruun holola hin jirre miidiyaa hawwaasaa irratti akka hafarsanii fi isa qofa faarsaniif iyyisiisaa jira.




