• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee keessatti waraanni Bilxiginnaa saamicha qabeenya uummataa irratti jabeessuun dhaga’ame

Nov 17, 2025

ONM-ABO Sadaasa 17, 2025 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Allanuu Shankooraa jedhamu keessatti Sadaasa 16, 2025 waraanni badiif bobbaafaman saamicha isaanii baratamaa ittuma fufuun jiraattota gandichaa jalaa horii hedduu saamuun gara mooraa waraana isaanii magaalaa Adaadii jedhamu geessan jechuun jiraattonni gandichaa ONM’f eeraniiru .

Namoota saamichi loonii irratti raawwatame keessaa kan maqaa arganne:

  1. Aadde Yaadashii Fiqaaduu dhukkubsattuu maanguddoo ganna 70 olii kan mana yaalaa jirtu jalaa qotiyyoo qonnaa 3, Saawwan dhaltii 2, harroota 4 fi jabbii 1 jalaa saamaniiru.

Kana malees guyyuma kana jiraataa gandichaa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa: 

  1. Darajjee Addunyaa jedhamu jalaa immoo  re’oota 5, 
  2. Obbo Takkuu Adii jalaa immoo sangaa 1 kan fudhatan  yoo ta’u, 

maanguddoo dhukkubsatanii mana yaalaa magaalaa Finfinnee jiran 

  1. Aadde Yaadashii Fiqaaduu dabalatee namoonni kunneen hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamuu fi 

badii seeraa tokko malee waraanni koloneel Abiy Ahimed mooraa jiraattota kanneenii onsaanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ifoomsaniiru.

Waraanni Bilxiginnaa miindaa mootummaan kennuuf caalaa kan lafa garaa isaanii gahuuf saamicha maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun uummatatti bobba’uun saamanitti kan dhimma bahan waan ta’eef wantoota fedhiin isaanii hawwee mara gaaffii seeraa tokko malee qawwee harka qabaniin doorsiisaani fudhachuu cimsanii jiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading