• Sun. Nov 22nd, 2026

Hoggantoonni Awurooppaa fi Afrikaa yaa’ii Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaa Awurooppaaf Angoolaatti walitti qabaman

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Walgahiin waggaa torbaffaan Gamtaa Awurooppaa fi Afrikaa mata duree ‘nagaa fi badhaadhina karaa biyyoota hedduu bu’a qabeessa ta’een guddisuu’ jedhuun kaleessaa Angoolaatti baname.

Sagantaan guyyoota lamaaf gaggeeffamu kun walta’iinsa Gamtaa Awurooppaa fi Afrikaa waggaa 25 fi walabummaa Angoolaa fi biyyoota Afrikaa biroo waggaa 50 kan agarsiisudha. Waltajjii kana kan dursan Pirezidaantii Angoolaa, Joyã’o Luurenkoo fi Pirezidaantii Mana Maree Awurooppaa Antóniyoo Koostaadha.

Gamtaan Awurooppaa bakka bu’uun Pirezidaantii Komishinii Awurooppaa Urshulaa von der Leyen yoo ta’u, Gamtaa Afrikaa ammoo Mahmuud Alii Yuusuf, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaati.

Gamtaan Awurooppaa michuu daldalaa Afrikaa adda duree ta’us dhiibbaa Raashiyaa, Chaayinaa fi US guddachaa dhufeen hariiroon isaa dhiphateera.

Voon der Leyen Wiixata kaleessaa bakka bu’ootaaf haasawa taasisaniin, “Dinagdee addunyaa waldhabdee guddaa qabu keessatti Afrikaa fi Awurooppaan yeroo kamiyyuu caalaa wal barbaadu” jedhan jechuun Africanews gabaaseera.

Leave a Reply