• Sat. May 2nd, 2026

Lixa Wallaggaa aanaalee Mana Sibuu fi Qilxuu Kaarraatti murni faashistii PP duula WBO sakattaana jedhuun qe’ee uummataa goolaa jiraachuun dhaga’ame

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaalee Mana Sibuu fi Qilxuu Kaarraatti gaafa Sadaasa 22, 2025 irraa eegalee waraanni faashistii PP uummata goolaa jira.

Seerri Namoomaa Idil-addunyaa namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu cimsee dhorkus, garuu seera kana ifatti tuffachuun murni garboomfataa PP guyyaa guyyaan lubbuu ol-adeemtotaa galaafachuu itti fufuun aanaalee lamaan kanneen keessatti guyyaatti osoo namoonni nagaan hin ajjeefamin, manneen hin gubatin, hawwaan hin gudeedamin oolanii hin beekan.

Waraana murni Bilxiginnaa geggeessaa jiru keessatti miidhaa guddaan namoota nagaa irratti raawwatamaa jira. Yeroo tokko tokko meeshaaleen dhoo’aa naannoo bal’aa irratti dhiibbaa geessisan diroonii fi moortera fayyadamuunis dhiibbaa qaqqabsiisaa jiru.

Hojii waraanaa murna Bilxiginnaan adeemaa jiruun aanaalee kanneen keessatti oomisha qonnaa, dhiyeessii fi gabaa jeequun beela cimaaf akka lammiileen saaxilaman ta’ee jira.

Duulli waraanaa namoota nagaa irratti miidhaa bal’aa fi hamaa kan geessisu yoo ta’u, kunis du’a, miidhamuu, buqqa’uu, fi bu’uuraalee barbaachisoo kanneen akka manaa, hospitaalotaa fi manneen barnootaa barbadaa’uu dabalata. Kana hordofees murni Bilxiginnaa ejjennoo “qurxummii balleessuuf bishaan gogsuu qaba” jedhu qabatee uummata Oromoo nagaa dhorkachuu itti fufee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading