• Sun. Mar 15th, 2026

Kibba Oromiyaa Godina Gujii Bahaa aanaalee garaa-garaa keessatti waraanni Bilxiginnaa dararaa fi saamicha uummata irraan ga’aa jiraachuun himame

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Kibba Oromiyaa godina Gujii Bahaa aanaalee kanneen akka Bulee-Horaa, aanaa Qarcaa, Birbirsa Kojowaa fi aanaalee biroo hedduu keessatti waraanni murna maafiyaa PP kutaalee Oromiyaa mara keessatti nagaa uummataa gooluun, saamicha, dararaa fi ajjeechaa suukanneessaa qaqqabsiisaa kan jiran hoggaa ta’u, haalli kun daran hammaachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Tibba darbe Sadaasa 17, 2025 aanaalee armaan olitti tarreeffaman keessatti dargaggoota jumlaan hidhaatti guuruu fi qabeenyaa uummataa kanneen akka bunaa uummata jalaa fudhachaa akka jiran jiraattonni eeranii jiru.

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti aanaa Bulee-Horaa gandoota kanneen akka Soorilee Waaccuu, Gaalessa Nageessoo fi aanaa Qarcaa gandoota kanneen akka Bunqoo Guduba, Abdii Boruu, Baddeessaa funyaan Qaawwaa fi kanneen biroo hedduu keessatti saamichi qabeenyaa fi dararaan murna kanaa hedduu hammaachuu irraan kan ka’e filannoo jireenyaa dhabnee jirra jechuun yaada isaanii dubbatu.

Qe’ee isaa irratti nagaa osoo dheebotuu nagaan jiraachuu kan dadhabe uummanni Oromoo bakkeewwan hedduu keessatti gocha murna badii kanaan rakkoo akkaan ulfaataa ta’e keessatti kufuun duguuggaan sanyii irratti raawwatamaa jiraachuun dhugaa wal-nama hin falmisiifnedha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading