• Fri. Mar 27th, 2026

Ogeeyyiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ‘dhiitta mirga namoomaa hamaa’ Hindiin Kaashimiir keessatti raawwatteen sodaa guddaa keessa jiraachuu ibsa

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Ogeeyyiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haleellaa baatii Ebla darbe Pahalgam keessatti raawwatameen lubbuun namoota 54 galaafatameen booda, sarbama mirga namoomaa aangawoonni Hindii Jammuu fi Kashmir keessatti raawwatan jedhaman irratti yaaddoo guddaa kaasaniiru.

Ogeeyyiin kunneen bal’inaa fi cimina tarkaanfiiwwan guutuu naannichaa keessatti hojiirra oolan kan sodaachisan yoo ta’u, Hindiin balaa nageenyaa hamaa ta’eef deebii kennitus seera mirga namoomaa idil-addunyaa kabajuu akka qabdu akeekkachiisaniiru.

Ibsa ogeeyyiin kunneen kennaniin, “haleellaa shororkeessummaa gara jabeessa naannoo turistii irratti raawwatame ifatti balaaleffanna, miidhamtootaaf, maatii isaanii fi Mootummaa Hindiif jajjabina hawwina. Haa ta’u malee, mootummoonni hundi shororkeessummaa yeroo ittisan seera mirga namoomaa idil-addunyaa kabajuu qabu.”

Haleellaa kana hordofuun aanga’oonni Hindii guutuu Jammuu fi Kashmir keessatti hojii bal’aa jalqaban.

Akka ogeeyyiin kunneen jedhanitti, hojiiwwan kanaan gaazexeessitootaa fi falmattoota mirga namoomaa dabalatee namoota gara 2,800 ta’an to’annoo jala oolchuu fi hidhuu danda’aniiru.

Gabaasni ogeessota bira gahe akka agarsiisutti, hidhamtoonni tokko tokko dararamaa, wal hin qunnamne, abukaatoo fi miseensota maatii akka hin arganne dhorkamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading