ONM-ABO Muddee 23, 2025
Godina Booranaa aanaalee akkaa Yaaballoo, Dubbulluq, Gommolee fi kanneen hafan biroo keessatti miindaan barsiisotaa 17% ijaarsa adda addaa maqaa jedhuun yeroo gabaabaa keessatti akka irraa citu doorsisni caasaalee Bilxiginnaan irratti raawwachaa akka jiru barsiisaan maqaan isaa haala nageenyaaf jecha akka hin eeramne fedhu tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.
Akeekni karoora saamichaa kun nuuf galuu baatus, yeroo itti irra deddeebiin barsiisonni rakkoo qaala’insa jireenyaaf jecha daballi maallaqaaf murna Bilxiginnaa kokkee qabaa jiranitti qarshiin nurraa cituuf itti yaadamee gadi dhufaa jiru kun egeree keenya yaaddoo keessa galchee jira kan jedhu barsiisaan kun, nuti mana keessa jiraannu dabalatee wantoonni bu’uuraan barbaachisoo ta’an danuun osoo nu hanqatanii gaaffiin miindaa kutuu kunis baay’ee nu yaachisaa jiras jedha.
Akka ilaalcha caasaalee Bilxiginnaatti barsiisaan miseensa paartii Badhaadhiinaa hin taane rakkoo hawaasummaa qaba, farra misoomaati, gufuu Badhaadhiinaattis jechuun hidhaa, hojiirraa ari’uu fi ajjeechaan akka irratti raawwatuufis haal-dureewwan danuun bocamee akka jirus ibsameera.

