• Mon. Jan 12th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Aayiraa keessatti namoota nagaa ajjeessuu, achi buutee dhabamsiisaa jiraachuu fi saamichi jabaatee jiraachuun ibsame 

Dec 23, 2025

ONM-ABO Muddee 23, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraa gandaa Warra Kuraa Suchii bulchiinsa magaala Boondawoo jedhamuun beekamu keessatti bulchiinsa buufata fayyaa fi abbaa qabeenyaa tokko hanga  yeroo odeessi kun qindaa’eeti hidhattoota Bilxiginnaatiin qabamuun  achi buuteen isaanii dhabamee jiraachuu jiraattonni Arraatta Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti gaafa  Muddee 18, 2025 namoonni kunneen halkan walakkeessa mana isaanii keessaa hidhattoota koloneel Abiy Ahimed’n kan butaman ta’uu jiraattonni himuun, namoonni kunneen tuttuqaa siyaasaa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne, jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachuu fi hawaasa isaanii tajaajiluu malee qaamolee biroo waliin hariiroo akka hin qabnes ibsaniiru.

Namoonni achii buuteen isaani dhabamee jiru kunneen maqaan isaanii:

  1. Waaqshumaa Kitilaa itti gaafatamaa bulchiinsa buufata fayyaa fi 
  2. Galgal Damisee abbaa qabeenyaa namoonni magaalichaa yoo ta’an, 

namoonni kunneen hawaasa naannoo isaani biratti kabajaa fi jaalalaa guddaa kan qaban ta’uu addeessaniiru.

Onicha keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa daangaa darbe raawwatamaa akka jiru isiniif gabaasaa kan turre yoo ta’u, haaluma kanaanis gochaan murna badii Bilxiginnaan guyyaa irraa gara guyyaatti hawaasa nagaa saamuu, qabeenya isaanii ibiddaan barbadeessuun, ajjeechaa suukanneessaa fi achi buutee dhabamsiisanii qe’ee Oromoo gaddaa fi gadaddoo dhaalchisuun tarsiimoo impaayerattii ta’e jiraachuun ni mul’ata.

Saamichi daangaa darbe kun giibii namootaa keessaa fudhachuu, sabbata haadha hiyyeessaa irraa hiikkachuu, lukkuu irraa hangaa looniitti hawaasa onichaa irratti saamicha geggeessaa kan jiran, hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti waajjira poolisii Aayiraa keessatti loon uummata jalaa saamamte 27 ol achi keessatti eegamaa kan jirtuu fi gariinis qalatanii nyaachaa akka jitanis itti dabaluun mirkanneessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading