ONM-ABO Muddee 26, 2025
Baha Oromiyaa Godina Lixa Harargee aanaa Habroo Aradaa Wenee Qalloo ganda Aallittii jedhamu keessatti gaafa Muddee 24, 2025 qonnaan bulaa fi abbaa daa’imman 10 kan ta’e maanguddoo maqaan isaa Obbo Mohaammad Huseen jedhamu gaaffii seeraa tokko malee rasaasa itti robsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Qonnaan bulaan hidhattoota murna Bilxiginnaan ajjeeffamee kun wayita loltoota maafiyaa kanneeniin qabametti ooyiruu isaa keessaa midhaan galfachaa kan jiru yoo ta’u, isaanis achitti itti dhaqanii osoo inni yakka maallaqa isa kaffalchiisi hin qabaatin gubboo nuuf kaffali akka qaamni keenya tokkollee waa sin gaafanne siif goonaa ittiin jedhanii turuu namoonni dhaga’an ifoomsaniiru.
Innis sababa maaliifan isiniif kaffala jedhee diduun maaloo deemaa jedhee wayita inni maqaa seeraatiin ofirraa ittisu faashistoonni Bilxiginnaa kunneen erga diddee egaa seera si barsiifnaa kottu jedhanii harka isaa lamaan dudduubatti cabsanii hidhuun reebicha ulfaataa erga irratti raawwatanii booda rasaasaan rukutanii ajjeessuu jiraattonni ijaan argan addeessaniiru.
Kana malees jiraataa gandichaa akkasumas abbaa daa’imman 5 kan ta’e qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Najjoo Adamishaa jedhamus wayita inni reeffa Obbo Moommad Huseen argee miira rifaatuun lafaa ol kaasu isas rasaasa itti roobsanii ajjeesuun wal bira ciibsanii akka deeman jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa oromiyaaf addeessanii jiru.
Akka jiraattonni bakkichaa addeessanitti namoonni loltoota maafiyaa Bilxigginnaan ajjeefaman kunneen qonnaan bultoota daa’imman isaanii guddifachuuf hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti xiyyeeffatanii carraaqan akkasumas maanguddoota umriin isaanii hirmaannaa siyaasaa keessatti qooda fudhachuuf hin malle yemmuu ta’an, hidhattoonnii Bilxiginnaa maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuutiin dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf ifaajan kaffaltii alkallattii gaafatanii irraa dhabaniif jecha lubbuu namoota kanneenii galaafachuun ibsameera.


