• Tue. Mar 31st, 2026

Loltoonni Veenzuweelaa gara 50 ta’an Ameerikaan yeroo Pirezidaantii Maaduroo buttee ajjeefaman

Jan 17, 2026

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Loltoota Veenzuweelaa 47 jalqaba baatii kanaa Ameerikaan magaalaa guddoo Karaakaasitti haleellaa raawwatte ⁠fi Pirezidaantii Niikoolaas Maaduroo butte ajjeefaman keessaa dubartoonni sagal akka ta’an Ministirri Ittisaa Veenzuweelaa Vilaadimiir Paadriinoo Loopeez himaniiru.

Lakkoofsa humnoota Veenzuweelaa ajjeefamanii gabaasa jalqabaa 23 ture irraa gara oliitti fooyyessuun, ministirri ittisaa Jimaata kaleessaa haleellaa Amajjii 3 humnoota Ameerikaatiin raawwatameen namoonni 83 ajjeefamaniiru.

Kanneen ajjeefaman loltoota Kuubaa 32 kan dabalatu yoo ta’u, isaan keessaa gariin garee eegumsa dhuunfaa Pirezidaantii Maduuroo keessatti ramadamaniiru.

“Dhiirotaa fi dubartoonni Humnoota Waraanaa Biyyoolessaa keenyaa Booliivariyaa weerara waraanaa fuulduratti maal hojjetan? Lubbuu isaanii kennaniiru, seenaa fi biyya qe’ee kabajaniiru,” jechuun Paadriinoon sirna namoota haleellaa kanaan ajjeefaman kabajuuf qophaa’erratti dubbataniiru.

Ministirri kun bakki yaadannoo namoota ajjeefamaniif ijaaramus ni kaa’ama jedhaniiru.

Kuubaan Kamisa darbe reeffa loltoota 32 lola irratti ajjeefaman jalqabaa argatteetti.

Weerara Ameerikaan bakka waraanaa irratti boombii darbachuu jalqabdee fi fiixee loltoonni Ameerikaa helikooptaraan bu’anii Maduro fi haadha warraa isaa Siiliyaa Filoores mana jireenyaa isaanii Karaakaas irraa butuun namoonni 112 ol madaa’uu isaanii gabaafameera.

Weerara Ameerikaa kanaan lubbuun namoota nagaa guutuun hanga ammaatti aangawoota Venzu’eelaatiin hin murtoofne. 

Namoota haleellaa Ameerikaatiin ajjeefamaniif guyyoota torba gadda akka qabaatan kan labsite  prezidaantiin yeroo Deelsii Roodriigeez, Kamisa darbe Karaakaasitti daayreektarri CIA Joon Raatkiliif kan ejensiin isaanii butamuu Maduro keessatti gahee olaanaa taphate jedhamu waliin wal arganuu dhaabbati oduu The Associated Press gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading