• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti waraanni murna PP nama nagaa tokkoo ajjeesuun kanneen biro ammoo reebicha ulfaataa irraan gahuun dhaga’ame

Feb 1, 2026

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Waraanni murna PP uummata nagaa hirmaannaa siyaasa kamiyyuu hin qabne yakkee ajjeesuu itti fufuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gumaa Gaara Arbaa bakka adda Konsaa jedhamutti Amajjii 27, 2026 waraanni murna PP nama maqaan isaa Obbo Daggafaa Tarfaasaa jedhamu nama hawaasa keessa jiraatu keessatti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa qabu badii tokko malee yakkanii hawaasa fuula duratti ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattotni himanitti, waraanni murna PP gara ganda Gumaa Gaara Arbaatti bobba’uun uummata nagaa irratti yakkoota garaagaraa hammeessaa kan jiran yoo ta’u, Obbo Daggafaa rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, namoota maqaan isaanii:

  1. Habiibii fi 
  2. Umar 

jedhaman ammoo reebicha ulfaataa qaama laaleessu irratti raawwachuun du’aa fi jireenya gidduutti hambisanii jiraachuu jiraattotni itti dabaluun dubbatu.

Murni Bilxiginnaa uummata nagaa badii tokko malee maqaa garagaara itti moggaasuun yakkee ajjeesuu, hidhuu, saamuu, reebuu fi buqqisuu hojii idilee taasifachuun golee Oromiyaa cufa keessatti gochawwan wal fakkaataa jibbinsaa fi diinummaan guutame dalagaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading