• Tue. Mar 31st, 2026

Aanaa Cirootti saamicha ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irratti raawwatanii fi rakkoo bishaan dhugaatiin rakkataa jiraachuun barame

Mar 10, 2026

ONM-ABO Bitootessa 10, 2026 

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Yaaddoo Bobbaasaa irraa ergamtoonni PP hannaa fi saamichaan garaa isaaniin badhaadhuu malee qabatamaan hojii badhaadhina mul’isu hawaasa Oromoof dalaganii kan hin qabne, namoota shaqaxa xixiqqaa qaban hunda irraa ji’atti qarshii 2,000 kaffalchiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Jaleewwan Bilxiginnaa qaraxaa fi gibira fakkeessuun dukkaanota saamunaa fi waan xixiqqoo hawaasaaf dhiyeessan irraa haala gita dukkaana isaanii hin madaalleen jalqaba baatii Fulbaanaa irraa eegaluun hanga gabaasni kun qindaa’etti humnaan kaffalchiisaa jiraachuu fi namoota doqdoqqee qaban irraa duraan waggaatti gatii gibiraa qarshii 6,000 fuudhaa kan turan, yeroo ammaa kana immoo qarshii 14,000 kaffalchiisaa jiraachuun itti dabaluun ibsamee jira.

Ganduma kana irraa jiraattonni bishaan dhugaatii qoonqootti geeffatan dhabanii rakkataa kan jiran ta’uun, erga bishaan dhabanii ji’oota 6 lakkoofsisuu fi jaleewwan Bilxiginnaa maqaa “bishaan isiniif galchina” jedhuun ji’a tokko dura qarshii dhibba ja’a ja’aa hawaasa hunda irraa kan guuran yoo ta’u, maallaqichas dantaa dhuunfaa isaanii irra oolfatanii hanga ammaatti rakkoo bishaan dhugaatii uummataaf furuu kan hin dandeenye ta’uun ibsameera.

Rakkoo gama bishaaniin isaan mudate yeroo adda addaatti qaamolee mootummaa caasaan ijaaramanii jiran hanga godinaatti iyyatanis deebii tokkollee dhabuun dhukkuboota qulqullina dhabuu bishaaniin walqabatanii dhufaniin miidhamaa jiraachuun isaanii adda ba’eera.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti mootummaan gabroomfataa impaayerattii akka waan uummata Oromoof bu’aa buuseetti gadi ba’ee guyyaa guyyaan afaan dhadhaa dibatee miidiyaan holola buufaa, bu’uuraalee misoomaa da’oo godhachuun qarshii hawaasa irraa walitti qabee jaleewwan isaa akka irraa fayyadaman gochaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading