ONM-ABO Bitootessa 13, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Giimaa Jokkee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa Bitootessa 10, 2026 shamarree maqaan ishee Caaltuu Waaqumaa jedhamtu badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti Caaltuun siyaasa kam irraa walaba yoo taatu, jaleewwan sirnichaa ammoo sababa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun waajjira gandaatti hidhanii jiraachuu dubbatu.
Aanicha guutummaa keessatti lukkeeleen sirnichaa kunneen maqaa filannoo da’oo godhachuun jiraattota irratti saamichaa fi dararaa raawwachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.





