ONM-ABO Bitootessa 28, 2026
Murni qe’ee ilmaan Oromoo diigee oneessuun beekamu Bilxiginnaan Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee gandoota akka Awaashoo Idoolaa Burqaa, Arabatee Shumbaa, Buchaanaa Dannabaa, Aleeluu Illu Buttee Filichaa jedhaman keessatti manneen qonnaan bultootaa kumaatamaan lakkaa’aman hawaasa irraa diiganii uummatni bakkeetti hafee akka ta’u dhabaa jiraachuu jiraattonni naannicha irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Yeroo namoonni iddoo jireenyaa kana malee hin qabnu eessatti galla jedhanii gaafatan, bakka barbaaddanitti galaa jechuun itti dheekkamuu fi ilaalcha addaa qabdu maqaa jedhuun reebuun mana hidhaattis darbataa kan jiran ta’uu jiraattonni dabalataan ifoomsaniiru.
Addatti immoo manneen kana yeroo diiganitti ganda Awashoo keessatti harmeen tokko ijoollee ishee manatti dhiifattee yeroo isheen gabaa deemtee dhuftu manni ishee diigamee kan jiru ta’uu fi ijoollee isheen manatti dhiiftee deemte immoo eessa akka geeffamte wallaaltee yeroo isheen rifattee iyyitutti caasaa gandaatiin qabanii achii deemsisuun ijoollee immoo yoo dhumtee jiraatte mana kana jala siif ilaalla jedhanii mana diigame sana biyyoo garagalchanii keessa barbaadaa turan jechuun jiraattonni gocha kana balaaleffachuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Loltootni Bilxiginnaa kunneen yeroo mana kana jiraattota irratti diigan meeshaalee mana keessa jiru keessaa baafadhaa jedhanii uummatatti kan hin himne ta’uu fi hawaasni meeshaa guutuu wajjin mana isaanii fedhii malee afaan qawween dorsifamanii dhabaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe ni addeessa.

