ONM-ABO Eebla 1, 2026
Godina Baha Shaggaritti kan argamtu magaalaa Adaamaa keessatti qaala’iinsa jireenyaa ulfaataaf jiraattonni saaximuu akkasumas murna Bilxiginnaatiin dararamaa jiraachuu isaanii jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Murni Bilxiginnaa maqaa uummata Oromoon daldalu impaayerattii keessatti kasaaraa malee bu’aa qabatamaa ta’e tokko lammiilee impaayerattii keessa jiraataniif osoo hin gumaachin umrii aangoo isaa qofa lakkaa’uu itti fufee jira. Bifuma kanaan murni saamicha bare kun lola Ameerikaa fi Israa’el wal ta’uun Iraan irratti bananiin wal qabatee cufamuu Ulaa Hoormuz daddabarsa boba’aa fi meeshaalee biroo kan ta’e sababa godhachuun gatii boba’aarratti dabaluun saamicha raawwachaa akka jiran fayyadamtoonni ni himu.
Boba’aan kun harka abbootii qabeenyaa muraasa kanneen akka NOK, OILIBYA fi kanneen biroo qaama murna Bilxiginnaa waliin hariiroo qabaniin dhuunfatamee kan jiru yoo ta’u, innumtiyyuu gatiin isaa qaala’ee argachuuf nu rakkiseera jechuun konkolaattonni hiriiranii sa’aatii baay’eef eeggatan illee dhabanii sochii dhaabuuf dirqamaa akka jiran konkolaachistoonni magaalichaa miira Keessa galuun dubbatu.
Kanumaan wal qabatee magaalicha keessa fageenya gabaabaa km 3 hin guunneef kan duraan qarshii kudhan kaffalaa turre dachaa shaniin dabalee jira jechuun, akka fakkeenyaatti kurfaa irraa gara buufata konkolaataa haarawa Amadee deemuuf qarshii 50 kaffalaa akka jiran jiraattonni magaalichaa kutaalee garaagaraa kanneen akka Poostaa, Piikook, Daraartuu, Kutaa Boolee bakka OBN fi yuunivarsitiin Adaamaa itti argamuu fi kanneen biroo hafan keessattis sochiin konkolaataa hir’achuu fi kanneen tajaajilaa jiranis guyyuu qarshii dabaluurratti argamu jedhan.
Akka jiraataan magaalaa Adaamaa kutaa humna ibsaa jiraatu yaada isaa ONM’f kennetti, yeroo dhi’oo asitti konkolaataa meeshaa biroo fe’atee jiru kanneen akka ISUZU irratti bajaajii tokko gara magaalaa Finfinnee kutaa magaalichaa Nifaas silkiitti geessuuf qarshii 5000 kaffalaa kan turre, har’a garuu qarshii 20,000 ‘n kadhatee erguu isaa himeera.
Magaalaa kana keessatti misooma koriidarii jechuun beenyaa tokko malee mana jireenya uummataa diiguunis qaala’ iinsa jireenyaaf akka isaan saaxiles himuun, gatiin isaa qarshii 2500 ol darbaa jiraachuu irraan kan ka’e nyaatallee zayita malee qopheeffachuuf dirqamaa jirra jechuun dubbatu.
Kun osoo kanaan jiruu kutaa magaalichaa cufa keessatti kaabinoonni murna Bilxiginnaa kan akka Abbaabbuu Waaqoo fi fakkaattonni isaa, uummata magaalichaa dargaggoota, jaarsaa fi jaartii osoo hin jenne WBOtu dhufee isin fixa waan ta’eef of eeggadhaa, maallaqaa fi lafa isiniif laanna jechuun maqaa gaachana sirnaa jedhu itti moggaasuun gowwoomsanii, abbootii fi haadholiin osoo hin hafin halkan qorra keessa hanga sa’aatii 4tti dirqamaan daandii magaalichaa ba’iinsaa fi seensa irra wabii tokko malee akka turan dirqisiifamuu isaanii ni dubbatu. Kanumaan wal qabatee gareen maqaa Oromoon daldaluu aadaa taasifatee fi saba guddaa kan salphisaa oolu kun, haadholii illee kaffaltii tokko malee akka isaan daandii qulqulleessan dirqamaan ajajamuu isaanii dubbatu.
Murni Bilxiginnaa magaalaa kana keessatti sa’aatii 12:00 booda nama fuula haaraa isinitti ta’e qabaa jechuun, namoota nagaa gidduutti rakkoo hawaasummaa uumaa akka jiranis keessa beektonni eeruun, osoo uummanni sirna nama nyaataa kana keessa jiruu waggaa 8ffaa gooftaa isaanii kan ta’e faashisticha Abiy Ahimad kabajuuf dibbee rukutuu jalqabuun isaaniis beekameera.





