• Wed. May 13th, 2026

Dhaabbanni Eegdota Warraaqsaa Iraan IRGCn dhaabbilee Ameerikaa irratti doorsisa erga raawwatee booda US haleellaa Iraan fashaleessuuf qophii ta’uu himte

Apr 1, 2026

ONM-ABO Eebla 1, 2026 

Waayit Haawus Kibxata kaleessaa akka jedhetti, waraanni Ameerikaa haleellaa Iraan raawwattu kamiyyuu fashaleessuuf qophaa’uu isaa ibsuun, doorsisa Eegdota Warraaqsa Islaamaa dhaabbilee Ameerikaa naannicha keessa jiran irratti raawwatameef deebii kennite.

“Waraanni Ameerikaa haleellaa Iraan raawwattu kamiyyuu hir’isuuf qophaa’ee jira, qophaa’aa ture, kunis haleellaan misaa’ela balistikii fi diroonii sirna shororkeessummaatiin raawwatamu dhibbeentaa 90n gadi bu’uu isaa ragaadha,” jedhan qondaalli Waayit Haawus maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan.

IRGC kanaan kaleessa haleellaa Iraan irratti raawwatameef haaloo ba’uuf Ebla 1 irraa eegalee dhaabbilee Ameerikaa naannicha keessa jiran irratti xiyyeeffachuuf akka ta’e miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.

Gama biraan Muummichi ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun guyyuma kaleessaa akka jedhanitti Israa’el duula waraanaa Iraan irratti taasiftu akka itti fuftu ibsuun, “sirna shororkeessummaa” Teahraan “caccabsuu” akka itti fuftu hime.

”Duulli hin xumuramne,” jechuun ibsa televijiiniin kennaniin dubbataniiru. “Sirna shororkeessummaa caccabsuu itti fufna.”

Yaadni Netaaniyaahuun kun kan dhufe Pirezidaantiin Iraan Masoud Pezeshkiyaan biyyi isaanii waraana Israa’elii fi Ameerikaa waliin jiru xumuruuf “fedhii barbaachisaa” qabdi, garuu waldhabdeen kun akka hin deebine wabii barbaadaa akka jiran erga dubbatanii yeroo muraasa booda.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading