ONM-ABO Eebla 1, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa-Bargaa ganda Ulaa Goraa bakka addaa Dasee Maaramii jedhamutti dheengadda Bitootessa 30, 2026 milishaa Bilxiginnaa maqaan isaa Biraanuu Dirribaa jedhamu waahila isaa rasaasa itti roobsee ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Mooricha keessaa milishoonni hedduun wayita waardiyyaa ba’an miliqaa jiraachuu irraan kan ka’e, miseensota hafaniif fakkeenya haa ta’u jechuun milishaa kanas bakka inni qofaa isaa eegumsarra jirutti rasaasa itti roobsanii ajjeesuun ibsameera.
Akka maddeen himanitti, milishaan ajjeefame kun armaan duras hoggaa hawaasummaa isaa badii tokko malee hidhamee dararamaa kan turee fi loon inni qabu illee loltoonni sirnichaa jalaa ooffachuu eeranii jiru.

