ONM-ABO Eebla 1, 2026
Hawaasni Oromoo biyya UK (United Kingdom) jiraatan sarbamiinsa mirga namoomaa murna gabroomfataa Bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan Oromiyaa keessatti geggeeffamu balaaleffachuun hiriira mormii geggeessuun himame.
Jiraattonni kunneen, Bitootessa 30, 2026 dhaadannoowwan garaa garaa barreeffamaa fi sagaleen daandiiwwan magaalaa guddittii Londonitti ba’uun sarbama mirga namoomaa murna gabroomfataa Bilxiginnaa hawaasa Oromoo irratti geggeessaa jiruuf ifatti mormaniiru.
Hiriira mormii kana irratti murni faashistii Bilxiginnaa dargaggootaa fi qonnaan bultoota Oromoo jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessee ficcisiisuu akka dhaabuu akkasumas, ajjeechaa gara jabinaa raawwachaa jiru akka dhaabu gaafataniiru.
Kana malees, dubartoota gudeeduu, qonnaan bultoota qe’ee fi qabeenya irraa buqqisuun akka dhaabbatuu fi shiftaan Abiy Ahimad yakka waraanaa raawwataa jiraachuu isaa ifatti mormaniiru.
Kolonel Abiy Ahimad yakkamaa waan ta’eef, Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) akka dhiyaatu, filannoo sobaa dura nagaan akka dursuu fi Mootummaan UK fi Dhaabbanni Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) mootummaa abbaa irree impaayerattiif maallaqa gumaachuu akka dhaaban sagalee isaanii magaalaa guddittii London keessatti dhaggeessifataniiru.
Akka maddeen ONM gamasii himanitti, “Faannoon shoroorkeessaadha; Oromiyaa keessaa haa ba’u. Dhugaan Battee Urgeessaa fi Hacaaluu Hundeessaa akka ba’u akkasumas hidhamtoonni siyaasaa ‘deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti’ jechuun hidhaman akka hiikaman gaafanne” jedhu.
Hiriira mormii sanarratti Qeerroo fi Qarreen Oromoo UK jiraatan:
- “Oromiyaan hin gurguramtu!
- Daangaan Oromiyaa haa kabajamu!
- Oromiyaan biyya!
- Finfinneen kan Oromiyaati!
- Oromiyaan ni bilisoomti!” jechuun dhaadannoo geggeeffataa turuun ifoomeera.
Hawaasni Oromoo biyya hambaa jiran, sagalee uummata Oromoo Oromiyaa keessatti sarbamni mirga namoomaa adda addaa karaa mootummaa Bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraan raawwatamu akka balaaleffatanii fi addunyaatti lallaban dhaamanii jiru.





