ONM-ABO Eebla 1, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Beejoo Koobbachaa iddoo addaa Yamaalogii jedhamu keessatti murni faashistii Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Ifaa Huseen,
- Yaadataa Abdataa
- Ibrahaam Aliyyii fi
- Eebbisaa Asaffaa
jedhaman badii tokko malee Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu maqaa jedhu sababeeffachuun maatii isaanii irraa ukkaamsanii butuun baatii tokkoo oliif waajjira poolisii aanichaa keessatti dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattonni gandichaa ONM’f akka himanitti, deggartootni siyaasaa namtokkee Koloneel Abiy Ahimad namoota hojii qonnaa irratti bobba’uun maatii isaanii jiraachisan, tuttuqaaf deggersa siyaasaa qaama kamuu kan hin qabne badii tokko malee maatii isaanii irraa ukkaamsanii mana adabaatti darbachuun dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuun isaanii ifoomee jira.
Haaluma wal fakkaatuun murni maafiyaa Bilxiginnaa aanichuma keessa ganda Beejjoo Koobbochaa iddoo addaa Guddattuu Joobir jedhamu keessaa nama maqaan isaa Ibiraahim Qalbeessaa jedhamu badii tokko malee “WBO” waliin hidhata qabda maqaa jedhu itti maxxansuun Bitootessa 28, 2026 halkan keessaa naannoo sa’a saddeetiitti mana jireenya isaatii butuun hanga arraatti achi buuteen isaa dhabamee maatii isaan barbaadamaa jiraachuu addeessaniiru.
Tiksitootni impaayerichaa Oromiyaa guutuu keessatt hawaasa nagaa maqaa Oromummaa isaaniin sarbanii, hidhuu, reebuu, ajjeesuu, saamuu wixinee godhatanii bobba’aa waan jiraniif hawwaasni Oromoo bahanii galuu fi lubbuun jiraachuu isaaniif sodaa fi yaaddoo hamaa keessa jiraachuun isaanii beekamee jira.


