• Mon. May 4th, 2026

Aanaa Jimmaa Arjootti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoo tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan 

Apr 1, 2026

ONM-ABO Eebla 1, 2026 

Godina Baha Wallagga Bahaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waayyuu Saqaa bakka addaa Imbaatuu jedhamutti gara jabeeyyiin waraana Bilxiginnaa Bitootessa 30, 2026 dargaggoo maqaan isaa Gammachuu Dheeressaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni dubbisne himanitti, Gammachuun hawaasa keessa jiraatuuf nama ilaalcha gaarii qabuu fi siyaasa kam irraas walaba yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa garuu sobaan yakkanii ajjeesuun hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffa isaa illee maatii dhorkachuun akka teessumaatti irra ta’aa kan turan ta’uu dubbatu.

Dhiiga ilmaan Oromoo akka bishaaniitti dhuguu araada kan godhatan loltoonni Bilxiginnaa, kutaalee impaayerattii cufa keessaa saboota kan biroo irraa addatti sabboontota ilmaan Oromootti xiyyeeffatanii adamsuun yakkoota suukkanneessoo garaagaraa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading