ONM-ABO Eebla 2, 2026
Hawaasa nagaa hiraarsuun akka waan impaayerattii kufaatii irraa baraaruutti kan ilaalan ergamtoonni maafiyaa PP’ Dilbata darbe jechuun Bitootessa 29, 2026 godina Lixa Shaggar aanaa Jibaat ganda Alii Oossoo keessatti haadha ijoollee 2 kan taate nama maqaan ishee Aadde Alamituu Didhaa jedhamtu jalaa sababa “abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun
- horii gaanfaa 4,
- harree 1,
- hoolota 3,
- lukkuu 10 fi
- midhaan nyaataa kuntaala 16 yoo saaman,
Wasiila abbaa warraa Alamituu kan ta’e abbaa ijoollee 8 nama maqaan isaa:
Obbo Tashoomaa Taammiruu jedhamu jalaa aammoo badii tokko malee garbuu kuntaala 6 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessaniiru.
Haaluma kanaan itti fufuun jaleewwan sirnichaa guyyuma sana gandichuma keessatti hawaasa nagaa hedduu sababa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu, daandii itti agarsiiftuufi deeggartu” jedhuun adamsanii qabuun hidhaatti darbachaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa kan ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:
● Dabalaa Taaddee fi
● Suufaa Yaadasaa kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni maqaan isaanii adda hin baane hedduunis jiraachuun barameera.
Bifuma wal fakkaatuun murni safuu fi ooda uummataa ballaa hin beekne lukkeeleen Bilxiginnaa, Dilbatuma darbe aanaama Jibaat ganda Kuyyuu Arreeree bakka addaa Obbol jedhamu keessatti ammoo hordoftoota amantaa Qaaliyoot kanneen ta’an osoo isaan mana amantichaatti wal ga’uun waaqeffachaa jiranii balbala mana amantaa sanaa cabsanii itti seenuudhaan namoota achi keessa jiran mara erga jilbeenfachiisaniin booda reebicha ulfaataa irraan ga’uun bilbila qunnamtii dabalatee waan isaan qaban mara harkaa guurrachuun, midhaan kuntaaala 1 kan mana amantichaas saamuun namoota hedduus qabanii deemuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Hordoftoota mana amantaa Qaalayiwoot Obbol keessaa kanneen hidhattoota Bilxiginnaatiin qabamuun hidhaatti darbataman keessaa kanneen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:
- Tashaalaa Badhaadhaa,
- Abbaa Collee Waaqumaa,
- Sorsaa Tolasaa,
- Darajjee Waaqgaariifi,
- Biraanee Caalaa
namoota jedhaman yoo ta’an, namoonni maqaan isaanii ammaaf nun qaqqabiin hedduun jiraachuus ONM’ odeeffateera.
Hawaasa waaqasaa kadhachaa jirutti waraana raayyaa ittisa impaayerattii waamuun gocha hammeenyaa kana kan raawwatan kaabinoota gandichaa kanneen maqaan isaanii:
- Abbuu Araarsaa,
- Tasfaayee Abdiisaa,
- Tarreessaa Gonfaa fi
- Wandiwasan Hirphaa
jedhaman ta’uu kan eeran maddeen, yeroo ammaa jiraattonni gandoota baadiyyaa aanicha jala jiran martuu sababa gara jabeeyyii waraana impaayerattiif jecha qe’eef qabeenya isaaniirra nagaan jiraachuun itti ulfaatee akka jirus ifoomsaniiru.



