ONM-ABO Eebla 2, 2026
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee cufa keessatti Bitootessa 31, 2026 waraanni murna maafiyaa PP dirqamaan kabaja ganna 8ffaa Abiy maqaa jedhuun uummanni akka walga’uuf doorsisaa turuu jiraattonni aanaalee kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, ergamtoonni impaayerattii hawaasa dirqisiisaa jiraatanis, warri abbaa garaaisaan ganna 8 kana keessatti fayyadamoo ta’aniin alatti uummanni jireenyisaa qunca’uun filannoo jireenyaa dhabee jiru, maatiin ilmaan jalaa dhumanii gadda uffatee taa’u yeroo itti ba’ee dhiichisu hin qabu jechuun dubbatu.
Afoola murni Bilxiginnaa ittiin hawaasa sobuun osoo hin sossobamne ejjennoo’n keenya hin maqu kan jedhan jiraattonni, ganna 8 guutuu keessatti waan nuti taane bineensillee hin taane, kabajaa dhabuun qe’een saba guddaa gaddaan golgolaa’ee, salphinaaf kaadhimamne, qaroo haadha hiyeessaatu dhiiga cophsaa qara ilaalaa hafne jedhu.
Murni Bilxiginnaa shiraan akkasumas ammoo mul’inatti gochi duguuggaa sanyii yeroo bulchiinsa isaa keessa Oromoorra ga’e kan bara bulchiinsa warra abboota isaa durii waliin wal maddii yoo qabamu fardaa fi lafa ta’uusaaf ragaan daba murni kun guyyuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo’rratti raawwachaa jirudha.



