ONM-ABO Eebla 2, 2026
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp adeemsa waraana Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti geggeessaa jiru irratti saba Ameerikaaf haasawa taasisaniin, Ameerikaan kaayyoo tarsiimoo ijoo ishee galmaan ga’uuf dhihoo ta’uu ibsuun, daran akka hammaatu akeekkachiisaniiru.
Tiraamp waraanni Ameerikaa Iraan irratti xiyyeeffachuu ibsuun, Iraan ”ispoonsara mootummaa shororkeessummaa addunyaa irratti adda dureedha” jechuun dubbataniiru.
Ameerikaan ”har’a yeroo kamiyyuu caalaa injifachaa jirti” jedheera.
“Humni hidhate keenya torbeewwan afran darban dirree waraanaa irratti injifannoo ariifataa fi murteessaa galmeessiseera” jedhan.
Tiraamp hoggansa Iraan qeequun, ”sirni finxaaleyyii” waggoota 47f ”Ameerikaa fi Israa’el irratti du’a” dhaadannoo dhageessisaa ture jedhan.
Dandeettiin waraanaa Iraan akka malee gadi bu’eera jedheera.
”Humni galaanaa Iraan badeera,” jechuun humni qilleensaa sirnichaa amma haala ”guutuutti baduu” keessa jira jedhan.

