ONM-ABO Eebla 5, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa magaalaa Hincinnii keessatti Ebla 3, 2026 milishaa Bilxiginnaa maqaan isaa Zawudee Badhaasaa jedhamu qaama hin beekamneen haala suukkanneessaa ta’een albeedhaan qalamee ajjeefamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Milishaan PP kun kan ajjeefame halkan yoo ta’u, qawwee AKMn tokkos qaama ajjeeseen irraa hiikamee jiraachuu maddeen eeranii jiru.
Aanichuma ganda Ulaa Goraa bakka addaa Dasee Maaramii jedhamuttis Bitootessa 30, 2026 milishaan Bilxiginnaa maqaan isaa Biraanuu Dirribaa jedhamu fakkaattota isaatiin ajjeefamuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.





