ONM-ABO Eebla 5, 2026
Miidhaa geesisuu malee bu’aa tokko argamsiisanii kan hin beekne shiftoonni kolonel Abiy Ahimad leenjifatee biyyarra bobbaasaa oolu, godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Bottoosoo jedhamu keessatti gaafa Ebla 3, 2026 halkan toora sa’aatii 3:00’tti nama maqaan isaa Obbo Taarikuu Abdiisaa jedhamu yakka tokko malee mana isaa ol seenanii saamichaa fi reebicha hamaa irratti raawwachuu maddeen naannichaa ONM’f ifoomsaniiru.
Loltoonni kunneen reebicha ulfaataa maatii guutummaa irratti erga raawwatanii booda qabeenya mana keessaa kophee Obbo Taarikuu miilla 3, uffata isaa, bilbila haadha warra isaa fi nyaata isaan qopheeffatan guutummaatti WBO’f qopheessitan jechuun ofiin fudhatanii nyaachuu fi yerooma sana abbaa warraa kee fuunee deemna jedhanii qabanii bahuun mana irraa achi butanii maallaqa 10,000n nu kenni gadi si lakkifnaa ittiin jechuun oggaa gaafatan, namichi hin qabu jennaan, bilbila Infinix haaraa tokko harkaa fudhatanii gad lakkisuu itti dabaluun dubbatu.
Maqaa WBO’tu yeroo baay’ee mana keetti deddeebi’ee waan barbaadan si bira fayyadamuu fi situ waan isaan barbaadaan magaalaadhaa bitee dhiyeessaaf jedhu da’oo godhachuun miidhaa akkaan jabaa ta’e irratti raawwachuu maddeen itti dhiyeenyaan beekan itti dabaluun ifoomsaniiru.
Waraanni sammuu ittiin yaadan hin qabne tiksitoonni impaayera dulloomaa, garaa isaanii guuttachuuf jecha haadha irraa dhalatanii fi abbaa isaaniifillee naasuu tokko kan hin qabne giiphiin isaanii gaafa duwwaa ta’u faloo qopheeffachuun yakka namni keessaa hin qabne ofumaan itti maxxansanii akka barbaadanitti waan fedha isaanii biyyattii keessatti raawwata oolu.
Mataan murna PP Abiy Ahimad fakkaattota isaa mara yeroo yeroon leenjii saamichaa fi yakka akka raawwataniif leenjisee dhala namaatti bobbaase gara jabbummaa himamuu hin dandeenyeen sodaa tokko malee guyyaa saafaa utuu namni hundi ijaan arguu waan fedha isaanii irratti geggeessuun dhugaa mul’atuudha.







