ONM-ABO Eebla 9, 2026
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Alaltuu Gombii keessatti Ebla 7, 2026 waraanni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Eebbisaa Hirphaa jedhamu jala maqaa milishummaa keessaa diddee baddee jedhuun hordofanii; mana jireenya, qe’ee fi qabeenya ibiddaan gubanii barbadeessuun horii offattani deemuu maddeen keenya bakkicha OMN’tti himaniiru.
Obbo Eebbisaan kanan dura dirqaman ukkaamfamuun gara leenjii miliishummaatti ergamuun waardiyyaa barcuma aangoo siyaasaa isaanii akka godhatan ibsuun, boodarra carraa argatanitti fayyadamun mooraa waraana Bilxiginnaa keessaa badanii gara maatii isaaniitti deebi’uun ijoollee isaanii guddaffachutti akka deebi’an nuuf eeraniru.
Haa ta’uu malee gareen ajjeechaa fi saamicha kun sababa inni tiksee aangoo isaanii ta’uu balfeef qofa waraana isa itti erguun ajjeesisuuf yaalanis, Obbo Eebbisaa mana dhabuun mana jireenya isaanii qabeenya guutuu waliin ibiddan gubanii barbadeessuun horii isaanii immoo offattani deemu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dubbataniru.


