ONM-ABO Eebla 9, 2026
Godina Baalee Bahaa aanaa Laga Hidhaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa gandoota aanichaa bakkeewwan garaagaraa irraa qonnaan bultoota humnaan qabanii milishummaa erga leenjisanii booda, nama tokkorraa qarshii kuma sagaltama fudhachuun qawwee itti hidhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Saamicha kanas adda durummaan raawwachaa kan jiru itti aanaa bulchaa bulchiinsa magaalaa Beltuu kan ta’e, nama maqaan isaa Sulxaan jedhamu ta’uu maddeen himan.
Kaabineen PP maallaqaan uummata dararaa jiru qarshii guddaa qonnaan bultoota irraa saameen yeroo gabaabaa gidduuti duroomee jiraachuun ibsameera.
Kana malees, lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen tibba kana aanicha guutummaa irraa tajaajila quunnamtii kutuun hawaasa dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

