ONM-ABO Eebla 15, 2026
Godina Baha Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan gandoota kanneen akka Mudhii Dawee, Hordaa 1ffaa, Hordaa 2ffaa, Hordaa 3ffaa, Gola Waaccuu, Biyyoo Gabaabduu fi Biyyoo Dheertuu jedhaman keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaatiin hawaasa dararuu amaleeffatan, torban darbe irraa eegaluun hanga gabaasni kun qindaa’etti jiraattota irraa qarshii dhibba ja’a ja’a dirqamaan saamaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himaniitti, lukkeeleen sirnichaa kunneen maqaa “waraqaa eenyummaa dijitaalaa baafachuu qabdu” jedhuun saamaa kan jiran ta’uu himuun, akkuma aanichaa guutummaatti saamichi maqaa kaffaltii gosa garaagaraa nagahee hin qabneen taasifamu kan duraa caalaa gar-malee jabaatee itti fufee jiraachuu irraan kan ka’e, hawaasni qaama itti iyyatu dhabee rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu dubbatu.
Murni faashistii PP kutaalee Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti gochawwan wal fakkaatoo akkasii maqaa waraqaa eenyummaa dijitaala jedhuu fi maqaa deggersa paartii Badhaadhinaa jedhuun hawaasa rakkoo qaala’iinsa jireenyaatiin waaadamee harkaa gara afaanii illee qoonqootti geeffachuuf rakkatuu afaan qawwee gargaaramuun saamicha daangaa darbe meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.


