• Fri. Jun 5th, 2026

Aanaa Kuyyuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa shamarran ukkaamsanii mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun himame

Apr 15, 2026

ONM-ABO Eebla 15, 2026 

Godina Kabaa Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dubbannaa Hagaloo jedhamu keessatti shamarranii fi dargaaggoota hedduu ta’an ganda kana keessaa qabanii ji’a afurii oliif waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Shamarran ukkaamfamuun hidhamanii dararaama jiran keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e:

  1. Burtukee Tasfaayee,
  2. Burtukee Ijaaraa,
  3. Ayyalee Ijaara 
  4. shamarree ganna 15’nii fi 

namoonni biroo lakkoofsaan hedduu ta’an waajjira poolisii aanaa Kuyyuu keessatti hidhamanii gidiraa argaa jiraachuu maddeen keenya ONMf eeraniiru. 

Akka jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniitti shamarran kunneen badii balleessanii fi siyaasa keessatti hirmaatan kan hin qabne yommuu ta’an, lukkeeleen gara jabeeyyii Bilxiginnaa immoo maqaa isaan keessaa hin qabne “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi WBO’f daandii hordoftu” jedhuun gaaffii seeraa tokko malee ji’oota afurii oliif hidhanii hiraarsaa jiraachuus himaniiru.

Dandeettii lolaan dadhaboo ta’uun fuulleetti Waraana Bilisummaa Oromoo kan dheessan loltoonni murna gabroomfataa impaayerattii, haaloo kanaa ba’uuf maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo hidhaatti guuranii hiraarsaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading