• Thu. Jun 4th, 2026

Xaaliyaan waliigaltee ittisaa Israa’el waliin qabdu dhaabuuf akka ta’e Muummittiin Ministeeraa biyyattii Meelooniin dubbatte

Apr 15, 2026

ONM-ABO Eebla 15, 2026 

Xaaliyaaniin waliigaltee ittisaa Israa’el waliin taasifte addaan kutuuf akka ta’e Muummittiin Ministeeraa Jiyoorjiyaa Melooniin Kibxata kaleessaa ibsaniiru.

“Haala amma jiru ilaalcha keessa galchuun mootummaan waliigaltee ittisaa Israa’el waliin taasifame ofumaan haaromsuu dhaabuuf murteessee jira,” jechuun Meelooniin sagantaa Veeroonaa keessatti gaggeeffame cinatti dubbataniiru jedha ANSA’n.

Waliigaltichi meeshaalee waraanaa fi qorannoo teeknooloojii irratti tumsa kan hammateedha. Yeroo hariiroo Xaaliyaaniin Israa’el waliin qabdu irratti qeeqa biyya keessaa cimaa ta’e keessattuu waraana Gaazaa irratti geggeeffamaa jiruu fi naannoo Falasxiin dhuunfatamte keessatti hookkara hammaataa dhufeen kan mudate yoo ta’u, kanaanis hojii irraa akka dhaabbate ibsite.

Torban darbe Xaaliyaaniin taatee Libaanos keessatti mudate hordofuun ambaasaaddara Israa’el waamtee turte. Israa’el konkolaataa kan nagaa eegdoota Mootummoota Gamtoomanii ta’e irratti dhukaasa banuun miidhaa geessiste; yuunitiin kun hojjettoota Xaaliyaanii kan hammate ture.

Taatee kanaan dura dhuma baatii Amajjii keessa mudateen, Poolisoonni waraanaa Xaaliyaanii lama daawwannaa dirree Weesti Baankii dhuunfatame keessatti qawweedhaan erga doorsifamanii booda, Roomaan ambaasaaddara kana waamte. 

Akka ministeerri haajaa alaa Xaaliyaanii jedhutti, qondaaltonni kunneen — konkolaataa dippilomaasiitiin imalaa turan — jilbeenfachuun dirqamaan lammii Israa’el hidhatee jiruu fi qubsiistota seeraan alaa ta’uu isaa amanamuun gaaffiif saaxilamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading