• Thu. Oct 8th, 2026

Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltootni maafiyaa Bilxiginnaa uummata nagaa waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii yeroo dheeraaf hiraarsaa jiraachuun beekame

Apr 19, 2026

ONM-ABO Eebla 19, 2026

Ergamtootni Aangoo nam-tokkee tiksuuf dhama’an loltootni maafiyaa Bilxiginnaa, godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee gandoota garaagaraa keessaa uummata nagaa yakkuun afaan qawween ukkaamsanii waajjira Poolisii aanichaatti jumlaan hidhuun yeroo dheeraaf hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, loltoonni Murna maafiyaa PP uummata nagaatti maqaa garaagaraa maxxansuun yakka tokko malee uukkaamsuun waajjira Poolisii aanichaatti hidhuun rakkoo nyaataa fi dhugaatii, rakkoo xiin-sammuu fi akkasumas rakkoo fayyaaf saaxiluun dararaa hamaa irraan ga’uun lubbuu isaaniifiillee yaaddoo qabaachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.

Murni Bilxiginnaa golee Oromiyaa cufa keessatti maatii qabsaa’ootaa, sabboontota ilmaan Oromoo fi uummata nagaa qe’ee fi qabeenyaa isaa irra jiraatu yakkuun afaan qawweetti dhimma ba’ee fedhu ajjeesaa, jumlaan hidhee dararaaa, saamuu fi godaansisuu aadaa taasifachuun diinummaa ilmaan Oromootiif qabu ifatti mul’isuun sabbonummaa Oromoo dhabamsiisuuf wixxifachaa jiraachuun ni mul’ata.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading