ONM-ABO Eebla 19, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Baloo Bareedaa irraa ergamtoonni murna Bilxiginnaa barattoota ukkaamsuun bakka buutee dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, barattoonni baay’inaan 3 ta’an Ebla 14, 2026 ukkaamsamanii bakka buutee dhabamsiifamuu kan himan maddeen, kan ONM maqaa isaanii argate barataa Aaneessoo Mahaammad fi Suudii Abdallaa kanneen jedhamaniidha.
Barattoonni kunneen barnoota isaaniitti qabxii olaanaa kanneen galmeessanii fi badii tokko malee Oromummaa isaaniif yakkamuun barumsa isaanii irraa hambisanii bakka buutee dhabamsiisuun barameera.
Maatiin barattoota kanaas, waajjira poolisii aanichaa fi mooraa waraana Bilxiginnaa naannichaa deemanii gaafatanis, bakka isaan jiran dhabuu fi du’aa fi jiraa isaanii wallaalanii yaaddoo fi sodaa guddaa keessa jiraachuus ifoomsaniiru.

