ONM-ABO Eebla 19, 2026
Godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Giiphoo keessatti Ebla 17, 2026 jajjebeen wabii sabaa loowwaan 50 ol kan finxaaleyyiin Amaaraa hawaasa Oromoo saaman deebisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Jiraattonni gandichaa ONM’f akka himanitti gareen finxaaleyyii Amaaraa murna maafiyaa Bilxiginnaan deggeramanii meeshaa lolaa hanga funyaaniitti hidhatan qabeenya hawaasa Oromoo meesha maleeyyii hojii qonnaa irratti bobba’uun jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan afaan qawwee isaaniitti gargaaramuun loowwan saammatan gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lola irratti baneen qabeenya hawaasaa deebisee finxaaleyyii saamichaaf bobba’an of duuba deebisuun injifannoo boonsaa firaa fi diina isaatti agarsiiseera.
Gareen saamtota impaayerattii Bilxiginnaa fi finxaaleyyiin Amaaraa, dugda hawaasa Oromoo irratti kan guddatan, araada maaddii saba Oromoo iraa soorachuu warri amaleeffatan, har’as akkuma abbootii fi abaabilee isaanii hawaasa Oromoo afaan qawwee isaaniitti gargaaramuun ajjeesanii irraa saamuu, ajjeesanii lafa isaa irraa buqqisanii ofii dhuunfachuu golee Oromiyaa mara keessatti cimsanii itti fufuun isaanii beekamee jira.

