• Tue. Sep 15th, 2026

Aanaa Arsii Nageellee keessatti murni Bilxiginnaa maqaa maatii qabsa’otaan qabeenya hawaasaa saamaa jiraachuun himame 

Apr 19, 2026

ONM-ABO Eebla 19, 2026

Godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nageellee ganda Basaaquu Ilaalaa iddoo addaa Burqituu jedhamu keessatti loltootni Bilxiginnaa Ebla 13, 2026 maatii keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun nama maqaan isaa Caalaa Dabaluu jedhamu mana isaa cabsuun midhaan kuntaala 22 jalaa fudhatanii deemuu jiraattonni ifoomsaniiru.

Namni kun midhaan kanaan ala galfatee kan hin qabne yoo ta’u, yeroo ammaa kana ijoollee isaa waan nyaachifatu dhabee rakkoo hamaa keessa galee jiraachuu jiraattotni dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduu biroon immoo, godinichuma aanota garaa-garaatti namoota magaalaa keessa jiraatan lafa duraan mana irratti ijaarratanii jiraachaa jiran maqaa kaartaa fi pilaanii haaraa itti baafadhaa jedhuun hawaasa dararaa kan jiran yoo ta’u, torbee darbe keessa godinichuma aanaa Kofalee jedhamu keessatti hawaasa walitti qabuun maallaqa 100,008 fidaa kaartaa fi pilaanii keessan haaromsadhaa jechuun hawaasa  dirqamsiisaa akka turan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru. 

Namoonni maallaqa kana eessaa fuunee kennina nuti iyyuu dhabnee rakkachaa jirraa jedhanii yeroo gaaffii dhiyeessanitti yoo maallaqa kana hin kennitan ta’e mana irraa diiggattanii lafa gadhiistanii kaatu jechuun nu doorsisaa jiru, waraqaan isaan amma baafadhaa jedhan kun jalqaba gaafa lafa bitannee manicha irratti ijaaranne itti baafannee kan turreedha jechuun jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading