• Mon. Sep 14th, 2026

Namni qawwee hidhate dukkaana guddaa Yukireen keessatti dhukaasa banuun yoo xiqqaate namoonni shan du’uu qondaaltonni himan

Apr 19, 2026

ONM-ABO Eebla 19, 2026

Kiyeev keessatti namni qawwee hidhate tokko dhukaasa banuun yoo xiqqaate namoota shan ajjeesee, namoota biroo madeessee fi dukkaana keessatti namoota kaan to’achuun booda irra ajjeefamuu qondaaltonni himaniiru.

Pirezidaantiin Yukireen Voldaamer Zelenskiin akka jedhetti, Sanbata kaleessaa magaalaa guddoo biyyattii kutaa mana jireenyaa keessatti dhukaasa banameen booda yoo xiqqaate namoonni shan du’uu fi 10 madaa fi miidhaan qaamaa irra ga’ee hospitaala seenaniiru.

”Namni Kiyeev keessatti namoota nagaa irratti dhukaasa bane dhabamsiifameera,” jechuun Zelenskiin miidiyaa hawaasaa irratti ”maatii fi jaalalleewwan” namoota miidhamaniif jajjabina ibsaniiru.

Suuraan dhaabbati oduu Yuniyaan maxxanse akka agarsiisutti namni tokko qawwee qabatee naannoo mana jireenyaa bilookii tokkootti fageenya dhiyoo irraa nama tokkotti dhukaasaa jira.

Boodarra shakkamaan kun dukkaana guddaa tokkotti seenee dhukaasni qawwee itti dhaga’ame jedhan kantiibaan magaalaa Kiyeev Vitaali Kiliichkoon.

Zelenskiin barreeffama miidiyaa hawaasaa kanaan, ”Namoonni booji’aman afur baraaramaniiru,” jedheera.

Poolisiin Yukireen akka beeksisetti humni addaa ishee gara kibba magaalattii kutaa Holosiivskii keessatti bakka balaan kun itti dhaqqabeetti bobbaasuu ibseera.

Kaka’umsi nama haleellaa kana raawwate kan hin beekamne yoo ta’u, Zelenskiin ”haalli hundinuu mirkanaa’aa jira” jechuun ”qorannoon ariifataa” akka taasifamu gaafateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading